LABSII_LAFA_BAADIYYAA_HAARAWA_LAKK_248_2015_

Popular
4.52 reviews
4.50

Report Abuse

Description

#LABSII_LAFA_BAADIYYAA_HAARAWA_LAKK_248_2015_JALATTI_GOCHAALEE_DHOORGAMANII_FI_ADABBII
✏️ Labsii Lafa baadiyaa haaraa Lakk. 248/2015 hardha raggaa'uun isaa ni beekkama.
✏️ Labsiin haareeyni kuniis Labsii duraan ture Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Lakk.99/1997 fi kana Fooyyeessuuf Labsii Lakk.131/1999 Bahe Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyaa haaraa kanaan haqamaniiru.
✏️ Wixinee labsii lafa baadiyyaa haarawa arra ragga'e keessa hubannoof kan ta'u jedhee isiniif qopheesse keessaa gochoota dhoorkaa ta'aanii fi adabbii isaanii kew.54 fi 55 jalatti tarreeffamaan isiniif qopheesse obsaan dubbisaa.

#GOCHAALEE_DHORKAMAN
✏️ Lafa baadiyyaan wal qabatee laabsii haarawa kana jalaatti gochaaleen dhoorkaan maalfaadha kan jedhuuf labsii 248/2015 kew.54 jalattii gochaaleen armaan gadii raawwachuun dhorkaadha:

1) Namni kamiyyuu lafti baadiyyaa osoo hin kennamniif seeraan ala qabachuun yookiin kallattinis ta‟e al kallattiin karaa seeran ala ta‟een dabarsuun yookiin gurguruun yookiin biqiltuu dhaabbataa gurguruun;

2) Namni kamiyyuu ragaa sobaa fayyadamuun lafa baadiyaa qabachuun, lafa baadiyyaa irratti ragaa sobaa qopheessuun ykn qopheessisuun yookiin waraqaa ragaa qabiyyee lafaa karaa seeraan ala ta‟een fudhachuun yookiin fudhachuu yaaluun yookiin ittifayyadama lafaa isaa wabummadhaan wayita qabsiisuu ragaa sobaa fayyadamuun;

3) Namni Kamiyyuu haala karoorri ittifayyadama lafaa hayyamuun ala lafaa baadiyyaa irratti ijaarsa adda addaa gaggeessuun;
4) Namni lafa baadiyaa ittifayyadamu irraan gadee seeraan dhoorkame qotuun, lafa ejjenni isaa 60% ol ta‟e qotuun, daagaa hojjatame diiguun, daagaa bakka barbaaddametti ijaaruu dhiisuun, karaa lolaa irraan gadee baasuun lafa biqiltuu yookiin lafa eegumsa biyyeefi bishaanitiif ittifame beeyilada itti gadi dhiisuun;

5) Hojjetaan mootummaa yookiin namni ragaa lafa badiyaa akka qopheessu, akka kennu, akka jijjiiru angoon seeraan kennameef ragaa lafa baadiyaa karaa seeraan ala ta‟een kennuun yookiin qopheesuun yookiin jijjiiruun akkasumas mirgi ittifayyadamaa lafaa ragaa sobaatiin
wabummaadhaan akka qabsiifamu taasisuun;

6) Hojjetaan yookiin hogganaan kamiyyuu bu‟uura Labsii kanaatiin yookiin dambii Labsii kana raawwachiisuuf bahe yookiin Qajeelfama Dambii Labsii kana raawwachisuuf bahe bu‟ureffatee bahuun tarkaanfii seeraa yookiin bulchiinsaa fudhachuu dhabuun yookiin tarkaanfiin akka fudhatamuu taasisuu dhabuun;

7) Hojjataan yookiin ogeessi kamiyyuu akkaataa Labsii fi dambii bu‟uura Labsii kanaatiin bahuun ala waliigalteewwan lafa baadiyyaa irratti taasifaman osoo ulaagaa seerri barbaadu hin guutin mirkaneessunis ta‟e galmeessuun;

8) Miseensonni koree bulchiinsaafi ittifayyadamaa lafaa gandaa yookiin ogeessi qabiyyee lafaa safaru haala seeraan tumameen ala lafa safaruunifi galmeessuun;

9) Bulchaan Gandaa yookiin bakka bu‟aan isaa dhimma falmii qabiyyee lafa baadiyaatiin walqabatuu irratti iyyata dhiyaate yookiin gabaasa waliigaltee araraa fuudhee yeroo seeraan
murta‟ee keessatti qaama barbaachisuuf kennuu diduun;

10) Gocha faallaa Labsii kanaa ta‟e kan biroo raawwachuu.

#ADABBII
1) Namni lafa baadiyaa ittifayyadamu irraan gadee yookiin lafa ejjenni isaa 60% ol ta‟e qote yookiin daagaa hojjatame diigee yookiin diigsise yookiin sababaa gahaa tokko malee osoo dandeetti qabuu daagaa bakka barbaaddametti ijaaruu dhiisee yookiin karaa lolaa irra gadee
baasee adabbii hidhaa cimaa waggaa tokkoo hanga waggaa shaniifi qarshii kuma tokkoo hanga kuma shanii gahuun kan adabamu ta‟a.

2) Bulchaan Gandaa yookiin bakka bu‟aan isaa dhimma falmii qabiyyee lafa baadiyaatiin walqabatuu irratti iyyata dhiyaate yookiin gabaasa waliigaltee araraa fuudhee yeroo seeraan
murta‟ee keessatti qaama barbaaduuf kennuu dide hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa torbaa gahuufi qarshii 2000 hanga 7000 gahuun adabama.

Author Profile

YOSEEF AKLILU

Member since 5 months ago
    View Profile

    Author Information

    LABSII_LAFA_BAADIYYAA_HAARAWA_LAKK_248_2015_ 2 reviews

    Write Your Review
    4.5
    2 reviews
    • Birhanu kumsa

      Thunks

    • YOSEEF AKLILU

      good analyisis

    Write Your Review

    Your email address will not be published. Required fields are marked *